JECHOOTA MOGGOYYAALEE KAN AFAAN OROMOO : KUTAA 13-FFAA

Taammanaa Bitimaa irraa*

Dubbiftoo mandhee tanaa, Barreeffata kana kutaalee 12-aan dabran akka argattanii dubbiftan abdachuun, kunoo harras kutaa 13-ffaa itti-fufeen jiraa mee yoo dandeessan ilaala. Dabalees as irratti isin beeksisuu kanan fedhu, kutaan inni harra isiniif dhiyaate kun isa xumuraa akka tahe.

 

SEENSA
Akkumanan deddeebiseetoo barreeffata kana kutaa addaddaa keessatti ibsuuf yaale, Afaan Oromoo keenya jechoota kuma dhibba hedduun lakkaawaman of-keessatti baaddhatee argama. Dabaleesoo, akkuma barreeffata kana kutaalee garagaraa keessatti qalbeeffatan afaan kun karaa jechoota moggoyyaalees sonaan dureessa. Jechoonni Oromoo kan moggoyyaalee sadii, afur faa qaben ni jiru. Haatuhu malee, akkuma Oromoon: “kan qabufan dabala jettee harreen lagatti fincoofte” jedhu san, isa ofiif akka handhuuraatti qabu irratti sagaleewwan afaanota biroo irraa kan hedduu xiqqoo tahan ergifatteeti jira. Mee amma isaan kana fakkeenyota tokko tokko dhiyeessuun haa ilaaluu!

1) Balaliyaa fi baaburbaallee isaan handhuuraa Afaan Oromoo tahan otoo qabu: “roopphilaa” isa jedhamu Afaanota Oroppaa irraa “xayyaara” kan jedhamu immoo Afaan Arabaa irraa ergifatee jira.

2) Taliiga, malbultii (Afaan Oromoo), “siyaasaa” (Afaan Arabaa irraa) fi “polotikaa” Afaan Xaaliyaanii irraa ergifateera.

3) barroo (Afaan Oromoo), “kitaaba” (Afaan Arabaa irraa), “macaafa” (Afaan Amaaraa irraa) ergifatee jira. Dhugaa dha; isaan akka barroo faa otoo hin moggaafamin dura isaan akka “kitaaba”-a faa afaanota biroo irraa liqeeffataman jechaa dha. Kunillee amalaa fi mala afaanonni hedduun dhimma ittiin bayaa turanii fi kan ammallee ittiin bayaatoo jirani. Akkanuma konkolaataa / konkolee faan otoo hin baafamin, Afaan Xaaliyaanii irraa, jechi “makiinaa” jedhamu liqeeffatame.

4) Waaqa fi ruuda Afaan Oromoo otoo qabuu, “samii” Afaan Arabaa irraa, akkanuma kophee otoo qabuu, Afaan Amaaraa irraa immoo “caammaa” ergifateetoo jira*.

5) Dabaleesoo, kanneen Afaan Oromoo hin qabne, kan afaanota alagaa lama irraa ergifataman kanneen akka: “korreentii” Afaan Xaaliyaanii irraa, “elektirika” immoo Afaan Ingilizii irraa ergifatamanii jiru.

As irratti wanni qalbeeffatamuu qabu, afaan tokko jechoota kan ergifatu yoo dhabe duwwaa otoo hin taane, otuma qabuus akka ergifatu hubachuun baroo dha. Kun kan tahu walqannamtii fi dhiibbaa uummanni afaan san dubbatu uummatoota biroo wajjin qabuuni. Dhiibbaan kunis akka lamaan dhufuu dandaya. a) ollummaa, walqannamtii addaddaa kan seenaa, kan aadaa fi kan amantii fayiin tahuu dandaya. Fakkeenyota: Afaan Arabaa fi Afaan Oromoo, akkanuma Afaan Arabaa fi Afaan Somaalee faa b) walqunnamtii walqixxummaa, firummaa, ollummaa, seedataa, amantii faa otoo hin taane, kan miiddhaa irratti hundaayeen tahuutu mala. Fakkeenyota: biyyoota Oroppaa kan eeboo fi fardaan booda immoo taankii fi roopphilaa waraanatiin biyyoota: Asiyaa, Afrikaa fi Ameerikaa Laatinii seenan kaasuutu dandayama. Booda immoo kan dhiibbaa kolonii naannootiin dhufes kana jalatti ramadamuu dandaya. Inni kun kan ammaan tana adeemaa jiru: kunis biyyootuma Addunyaa Sadaffaa jedhaman keessatti kan tahee fi kan ammallee tahaa jiru.

Ammegaa Afaan Oromoo keenya karaa lamaan dhiibbaan irra jira jechaa dha: a) kan gabroomfataa Habashaa (Amaaraa) fi b) kan warra Oroppaa-Ameerikaa ti. Ammaan tana kan biraa hafee, afaanota uummatoota Oroppaa kan karaa saayinsii fi teeknolojii-tiin samii tuqan, kan akka Afaan Jarmanii fi Afaan Faransaa faa dhiibbaan Afaan Ingilizii isa aango-bantiin (“superpower”) akka USA (Ameerikaa) duuba jiruu ni argama. Jarmanoonni ijaarsa kana jala deemee ergisaa barbaachisaa hin taane towatu, yookaan towachuuf carraaqu ijaarratanii qabu. Warri Faransaa immoo saboota Oroppaa hundaa caala, afaan isaanii akka ergisaa Afaan Ingilizii kan hin barbaachifneen hin weeraramneef, karaa “Akkaadamii Afaan Faransaa”-tiin ifumatti dura dhaabachaa jiru. Kanaan walqabateetoo harra oftuultonni Ameerikaa fi Ingilizii tokko tokko afaan isaanii akka gandeen addunyaa mara hulluuqee galuun, bakka afaanota biroo bu’u ifumatti dhaadachaa jiru. Keessa kutaniiyyuu ifumatti ija-nyaachuun, afaan tokkicha callaatu addunyaaf barbaachisa jechaa uummatoota fi afaanota addunyaa kanneen lakkoofsan gara 6 ooo tahaniitti obobsaa jiru. Ammoo dhiibbaan humnaan dhufu, dura-dhaabannoo cimaa waan uumuuf, “lafarraa duguuggaan” afaanota, aadaa fi uummatoota addunyaa fiixaan bawuu hin dandayu.

YAADA DABALAMAA
Akkuma obboleettii abbaa ofii jechuun “adaadaa” oggaa waaman “adaadee” jedhan, “indootiyyaa” (obboleettii haadhaa) ofiis oggaa waaman “indootoo” jedhu. Warri “indootoo” irraa “-too” akkanuma “indootiyyaa” irraa “-tiyyaa” hambisuun “haboo” ofiitiin “indoo” jedhanis ni jiru. Akkanuma “areeroo” ofii si’a waaman “areero” jedhama. Akkuma “wasiila” ofii yommuu waaman “wasiilee” jedhan jechaa dha. Warri abbaa ofiitin “abbilee”, haadha ofiitiin “aayyilee” jedhanis guutaniiru. “Aayyilee” jechuun “aayyoo too” jechu, “abbilee” jechuun immoo “abbaa koo” jechuu akka tahe hubachuun nama hin dhibu. Harmee ofiitiin “harmilee” jechuunis ni dandayama. Akkanuma adaadaa ofiitiin “adaadilee” jechuunis sirriidhuma. Jechoonni dhuma irratti “-lee” dabalatan kun baay’ee namatti bareedu; garaa nama raasu. Afaan keenya miidhaagaa, bareedaa kana caala miidhagsinee, caalas bareechinee sirriitti itti-fayidamuu dha qabna! Afaan Waaqni miidhagesee, bareechee nuuf kenne, nafxanyaan busheesee nu jibbisiisuuf bara dheeraa yaalullee hin dandeenye, ammallee hin dandayu!

Mee amma seensa kanaa olitti kaayamee fi isa yaada dabalamaa jalatti kaafame erga hubannee, gara jechoota moggoyyaaleetti dabarreetoo 25-nan armaan gaditti tarreeffaman haa ilaallu!

JECHOOTA MOGGOYYAALEE

1) Waqaree – maxxaanaa, maganoo, baataa, geejjiba
2) Buyyoo – marga
3) Hangaasuu – balaqqeessa, calaqqee
4) Ceetoo – riqicha, nooraa, buusa, dildila*
5) Madda – burqaa, jalqabboo, hundee
6) Gawwii – borqii (lafa midhaan hin baafne)
7) Qooshaa – bukoo, siidara, gaanaa
8) Callaa – duwwaa, qofa, cufa
9) Micciirraa – cuukkoo
10) Omborii – matajaboo, ajjaa
11) Faaqqee – filaa, mushaaxa
12) Wiixaa – migira
13) Korree – qadaaddoo/ qadaada
14) gooba – dalluu
15) Koola – koochoo, goblaa, laboobaa**
16) Darnee – farda-dhalaa, qalaamaa, ganyaa*
17) Ruubana – gujjii, tuca, gobbuu, furdaa
18) Addana – bakkana, as, arma
19) Golja – booyyee-daggalaa, gosa karkarroo (“warthog”)
20) Caayaa – gaaddisa, dawoo (dayeeffata, dayeeffannoo)
21) Jijjiirama – geeddara
22) Barroo – kitaaba, macaafa*
23) Giimii – barbadaa, ramaca
24) Qoma – lapphee, handaraafa****
25) Dhanquu – haafa, baallaa, damee, baarkoo/ birkii

HUBACHIISOTA MIILJALEE
* Miiljalee tana irratti jechoonni urjiin takka * itti-rarraafamte, Afaan Amaaraa irraa kanneen ergifatamani. Kunis: dildila, ganyaa fi macaafa. Kan mallattoon dabaltoo (+) itti-rarraafame immoo kan Afaan Arabaa irraa ergifatame: kitaaba.

** Naannolee Oromoo tokko tokko keessatti baallee isa Afaan Ingiliziitiin “father” jedhamu dawwaaf dhimma itti-bayu.

*** Sagaleen “handaraafa” jedhamu kan horii duwwaaf jedhama.

TARROBARROO – BIBLIOGRAPHY

Heine, Bernd (1981). The Waata Dialect of Oromo: Grammatical Sketch and Vocabulary. Berlin: Dietrich Reimer.

Stroomer, Harry (1987). A Comparative Study of three Southern Oromo Dialects in Kenya. Hamburg: Helmut Buske Verlag.

Stroomer, Harry (2001). A concise vocabulary of Orma Oromo (Kenya) : Orma-English, English-Orma. Köln: Rudiger

Tilahun Gamta (1989). Oromo-English dictionary. Addis Ababa: University Printing Press.

Tamane Bitima (2006). Lugaa Oromoo Walloo – The Oromo Dialect of Wallo: in Journal of Oromo Studies, Vol. 13, 1 and 2, pp. 147-163.

Tamene Bitima (1994). European Loanwords in Afaan Oromoo: in Griefenow-Mewis, C. and Voigt, R.:Köln

Tamene Bitima (2000). A Dictionary of Oromo Technical Terms: Oromo – English. Köln: Rüdiger Köppe Verlag.

Ton, Leus (2006). AADAA BOORANAA – A DICTIONARY OF BORANA CULTURE. Addis Ababa: Shama Books.

Hamid Muudee (1995). Oromo Dictionary: English – Oromo. Atlanta. Sagalee Oromoo Pab Co.

Dafaa Jammoo (1980 Eth. C.). Kuusaa Sagalee Oromoo, Aira/ Wallagga.

Abarraa Nafaa faa (1996). Galmee Jechoota Afaan Oromoo, Finfinnee: Boolee Pab.

Paulitschke, Philipp (1893). Die Materielle Cultur der Danakil, Galla und Somal: Dietrich Reimer, Berlin

============== // ==============

Taammanaa Bitimaa: Gurree@web.de





Comments


No comments yet! Be the first:

Your Response



Most Viewed - All Categories