JECHOOTA MOGGOYYAALEE KAN AFAAN OROMOO : KUTAA 12-FFAA

Taammanaa Bitimaa irraa*

Dubbiftoo barreeffata kanaa, Barreeffata kana kutaalee 11-oon dabran hundaa akka argattanii dubbiftan abdiin qaba. Kunoo, harra immoo kutaa 12-ffaa itti-fufeen jiratii, yoo dandeessan mee ilaala.

 

SEENSA
Akkuman deddeebisee isin akeekkachiisuuf yaale, afaan keenya Afaan Oromoo, afaan badhaadhaa fi sooressa tahullee, afaan harqoonni gaabrummaa bara dheeraa irra turee fi kan ammallee irra jiru. Qorannoon afaan kana irratti karaa hidduun hammana hin adeemsifamne. Kan adeemsifame kana keessaallee, garri akkaan irra caalu, warra biyyoota alaa kanneen mararfannoo uummata keenyyaaf qabaniini. Oromoonni afaan ofii irratti qorannoo adeemsisan lakkoofsaan hedduu xiqqoo dha. Keessumaa nuti warri biyyoota ambaa keessa jiru, haala fi meeshiyyaa (“material”) jirutti dhimma bawuun, afaan keenya fi aadaa keeenya dagaagsuuf hidhanneetoo ka’uutu nu irraa eegama. Haasaan, dorgaandorgeen (“dialogue”), korrii fi walgayiin Oromoonni callaan qooda keessatti fudhatan afaan keenyaan yoo tahe, afaan kun marcuma dhuunfaa isaa qabachaa adeema. Wanni kun Oromootaan akka laayyootti bira ceyamuu hin qabu.

Yommuun kana jedhu, akka barbaachisaa tahetti afaanota birootiin dhimmaa hin baanu jechuu kiyyaa miti. Lakki, ani gonkumaa akkan hin jedhu! Qorannooleen saayinsii addaddaa, waraqaaleeni fi barrooleen (kitaabban) garagaraa, akka warri alagaa waayee keenya beekaniif, Afaan Ingilizii fayin dhiyaachuun waan dansaa ti! Nuti dandeenyaan Afaan Shaayinaa, Afaan Hindii fi Afaan Jappaan fayinillee yoo dhiyeessine mishaa dha. Kunis uummatoota afaanota san dubbataniif jechaa dha.

Ammoo, walkeessatti ennaa mara afaan keenyaan fayidamuutu nu irraa eegama. Kunillee nuuf haaraa fakkaata malee, uummatoonni biroo waan dhimma ittiin bayaa jirani. As irratti kanan dabaleetoo ibsuu fedhu, Oromoonni Afaan Arabaa dandayan baay’eetu nu keessatti argamu. Araboonni ollaawwan keenya isa dhiyoo-fagoo tahan, afaan kanaan waayee keenya akka hubataniif ibsuufiin daran barbaachisaa dha. Dabaleesoo, Araboonni warra Oroppaa fi Ameerikaa caalaa waayee keenya akka beekan, dagachuu hin qabnu. Dabreetuu Afaan Arabaa warra “afaanota addunyaa” jedhaman keessatti akka argamuus, qalbeeffachuun shaggaa taha.

Egaa, yaa Oromoota adaraa hundi keenya afaani fi aadaa keenya misoomsuu fi dagaagsuuf mee haa carraaqnu! Shoora (qooda) afaan keenya qabsoo bilisummaa fi walabummaa saba Oromoo keessatti qabus, sirriitti akeekkachuutu nu irraa eegama.

Jechoota Oromoo keessaa gariin unkaa (foormii) lama: s yookaan sh qabu. Isaan kana keessaa isaan sh qaban fudhannee, yoo biyya guutuutti ittiin-hojjachaa deemne irra wayya. Sagaleewwan sh, w, y faa of-keessaa qaban ennaa waamamanis, ennaa waraqaa irratti ilaalamanis namatti tolu. Mee fakkeenyota warra sh qabanii, hamma tokko kanaa gaditti haa ilaallu!

Mishingaa – misingaa
Shimbirroo – simbirroo
Bishaan – bisaan
Ishii – isii
Shaameta – saameta
Shiinii – siinii
Shilkii – silkii
Mishira – misira
Shukkaara – sukkaara
Inshooshillaa – insoosillaa
Shilmii – silmii
Qamishii – qamisii
Shaammaa – saammaa
Shokorruu – sokorruu
Shokoksuu – sokoksuu
Shamareeta – samareeta — kanneen fafakkaatan jechaa dha!

JECHOOTA MOGGOYYAALEE

1) Dhuunfaa – handhuuraa, gulummaa
2) Joggee – ruumicha, joobira, foggi, hamara, gogocoroo
3) Maansa – cirracha
4) Duwwee – duwwaa, zeeroo*
5) Bilbiltoo – bilbila, telefoona*, shilkii**
6) Budunuu – shiinii**
7) Garayuu – jaalallee-dhoksaa, sanyoo
8) Gaayila – fuudhaa-heeruma, cidha, haruusha/ haruuzaa
9) Bulloo – booqaa, gaarree
10) Sadarkaa – gulantaa, ijjattoo
11) Kitiyyaa – bacoo, tukaanii
12) Shaaraa – illima, kiyyoo
13) Yabaloo – bidiruu
14) Shorroonii – mana-fincaanii, manbobbaa
15) Moocoo – harree kormaa, wadala
16) Boongoo – holqa, waasshaa***
17) Koshee – meela, finna
18) Koodee – haadhoo, tiruu
19) Gurree – gurra-qabeessa, beekamaa
20) Ilillii – daraaraa, habaaboo***
21) Eesa – garbuu
22) Morgaya – maceera, ribuu
23) Duree – hogganaa/ hoggantuu, matadeemaa/ matadeemtuu
24) Mallaa – boqoo, maddii
25) Daamotoo – guca, ibsaa

HUBACHIISOTA MIILJALEE
* Akkuma beekamu jechoonni: “zeeroo fi telefoona” jedhaman kun Afaan Ingilizii irraayyi ergifatamani.

** Jechoota: “shilkii fi shiinii” jedhaman kana Afaan Oromoo, Afaan Arabaa irraayyi ergifate.

*** Jechoota “waasshaa fi habaaboo” jedhaman kana Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa irraayyi ergifate.

Itti-fufa! —-

================ // ================

Taammanaa Bitimaa: Gurree@web.de





Comments


No comments yet! Be the first:

Your Response



Most Viewed - All Categories