JECHOOTA MOGGOYYAALEE KAN AFAAN OROMOO: KUTAA 11-FFAA

Taammanaa Bitimaa irraa*

DURADUBBII
Dubbiftoota barreeffata kanaa, mee waan hundaa dura nagaa fi nageenye isin biraa hin dhabamini! Barreeffata kana kutaalee dabran mara akka argattanitoo dubbiftan abdachuun, kunoo harra immoo kutaa 11-ffaa isiniif dhiyeesseen jiraa, mee yoo yeroo argattan duukkaa bu’uuf yaalaa!

 

Kanatti dabalees kanan isin hubachiisu waan tokkotu jira. Qorannoon afaan keenyaa reefu ganaa jalqabama jechuutu mala. Waan hedduutu afaan baneetoo nu warra handhuuraa uummata keenyatiin waa baratee as gaye eeggata. Innin amma mataduree tana jalatti isiniif dhiyeessaa jiru, kan jalqabaa ti. Ani nama jechoota Afaan Oromoo kan moggoyyaalee walii tahan irratti qarannoo wayii dhiyeesse matumaa hin agarre. Abalutu jalaqaba jedhaniitoo eeggachuu otoo hin taane, ofumaa jalqabuutu irra wayya jedheetani. Kun kan jalqaba waan taheef, dogoggorris keessaa waan dhabamu natti hin fakkaatu. Ammoo, akkuma uummanni keenya, Oromoon jedhu san: “kan hin dogoggorre Waaqa qofa”. Inni kun qorannoo akka aannan mijuutti guute, otoo hin taane, warri biraa isa kana irraa ka’uun guutuu, mijuu taasisaniitoo nuuf dhiyeessu jedheen abdii cimaa qaba. Haatahu malee, amma isin warri barreeffata kana dubbiftanii dogoggora wayii argitan, yookaan itti-dabalamaa wayii qabdan karuma mandhee tanaatiin mee naaf erguu yaalaa!

SEENSA
Akkuma kutaalee dabran mara keessatti agartan, afaan keenya, Afaan Oromoo daran sooressa, daranis miidhagaa dha. Nuti afaan keenya kana caala badhaadhaa, kana caalas miidhagaa taasisaa deemuutu nu irraa eegama. Jaalannus, jibbinus amma uummannii fi sabni Oromoo qabsoo bilisummaa irratti argama. Qabsoo teenya haddhooftuu tana keessatti shoorri afaan keenyaa sonaan cimaa dha. Harra uummanni keenya garri dhibbayyaa 90 (90%) afaan abbaa-haadha isaa, Afaan Oromoo malee kan biraa hin beeku. Uummata kana itti-dhiyaatanii irraa barachaa barsiisuuf, irra-caala dammaqsanii sochoosuuf, karaa maraan hidhatanii hidhachiisuuf, afaan isaatiin bira-gawuutu karaa qajeelaa taha. Afaan biraatiin akka nafxanyoota qawwee Oroppaa irraa kadhatanii argatan fannifatanii, turjumaanaan “simaamaloo” jechaa turanii san tahuun hin dandayamu! “Afaan abbaa kiyyaa nan beeka mitii?”, jedhaniitoo dubbachuu callaanis harra nama hin baasu. Afaan abbaa-haadha ofii isa sirriitti ittiin- haasawan san, qubeeffatanii uummata ofiillee qubeeffachiisuutu nama baasa. Kunis dirqama dhalootaa fi dirqama hayyummaa ti.

Waggaalee soddoma guutuu afaan ofiitiin qubeeffachuu dhiisanii, qubee bira taa’anii, qubee bira ciisanii, a-b-c (aa-baa-caa) isaallee wallaaluun mataa ofiitii-llee qaanii dha. Ammoo, harra ijoollee Oromoo, eekaa dhaloota qubee kan kumaa-kitilaan lakkaawamtutu alaabaa qubeetiin of-jifaaree, Oromiyaa teenyas qubeen jifaaraa jira. Isa kana, kan abdiin keenya akka bakkalcha ganamaatti akka ifu taasisu. Garuu, nuti warri baranne ofiin-jennu dhaloota harraa fi dhaloota boruutii fakkeenya tahuu qabna!

Erga kana qalbeeffannee, kanaa gaditti jechoota 25-nan kutaa kanaaf kurfeeffamuun dhiyaaatan, mee wajjumaan haa ilaallu!

JECHOOTA MOGGOYYAALEE

1) Qaljii – misoomaa, lalisaa, magariisa
2) Wiinsuu – rakkisuu, dhipphisuu, gidirsuu, dararuu
3) Yeelloo – qaanii, ceera, cabantaa, fokkoo
4) Dugugguruu – lafee-dugdaa, wiirtuu, donkoo, goora
5) Duduba* – dhoqqee (dhoqqee biyyee)
6) Deessiftuu – ogeettii dawumsaa, hoofkalchituu
7) Xallisuu – jooruu, marmaaruu, deddeebi’uu
8) Daafa – balaa, gaaga’ama, gufuu
9) Haqaaqsuu – jallisuu, micciruu, dabsuu
10) Habalaka (“diagonal”) – dalga, qaxxaamursa
11) Hirpha – koomee
12) Dardara** – dargaggeessa, dargaggeettii
13) Nyargoo – ilmoo harree, bukura, shuukkee
14) Faaqqee – filaa
15) Durana – eger, booda, gulana, maayessa
16) Giidoo – anniisaa, humna, jabeenya, irree
17) Cirreessa – waldhaanaa/ waldhaantuu, hakimii
18) Waqaree – baataa, magaajaa, geejjiba
19) Burankii*** – kophee gogaa
20) Kakarii – karmura, morooma, dhibdicha, gidiramaa
21) Korree – bilbila, saankura
22) Aagii – araara, dhiifama
23) Goolaba**** – xumura, guduunfoo
24) Duree – hogganaa/ hoggantuu, matadeemaa/ matadeemtuu
25) Karaabaa – shaxxee, leecoo, lichoo, harcummee

HUBACHIISA MIILJALEE
* Jechi “duduba” jedhamu kun “dhoqqee loonii” hin dabalatu. Dhoqqeen jecha dimshaashaa yoo tahu: a) faltii = dhoqee loonii b) duduba = dhoqqee biyyee taheetu bakka lamatti qoodama. Akkanatti addaan baasuun warra dubbatu, yeroo duraaf kanan argee dhagaye Oromoota keenya warra Walloo biratti.

** Jecha “dardara” jedhamu kana bakka gariitti dhiirafis, dubraafis dhimma ittiin-bayu. Bakka gariitti immoo dhiira callaaf dhiimma ittiin-bayu. Dubraaf garuu “shamara” jedhu. Yoommoo dubara lamaa fi sanii ol tahe “shamarran” jedhu.

*** Barreessaan kanaan dura isiiniif kaase, Ton Lues, furaa isaa keessatti Oromoon Booranaa maqaalee kophee kan addaddaa akka qabu ibsa. Walumaa-galatti gosa kophee 11 kenna. Kunis akka Afaan Oromoo raajeffannuu fi malaaleffannu nu taasisa.

**** Goolabuu = xumuruu, guduunfuu —. Goolabamuu = xumuramuu, guduunfamuu —. Goolabduu = xumurtuu, guduunfituu — faa.

Itti-fufa —!

================== // ==================

Taammanaa Bitimaa: Gurree@web.de





Comments


No comments yet! Be the first:

Your Response



Most Viewed - All Categories