JECHOOTA MOGGOYYAALEE KAN AFAAN OROMOO: KUTAA SADDEETTAFFAA

Taammanaa Bitimaa irraa*

Kutaalee dabran torbanuu akka argattanii dubbiftan abdachuun, kunoo harras kutaa isa itti-fufamu isiniif dhiyeesseen jiraa, mee duukaa-bu’aa!

 

SEENSA
Ton Lues innin kanaan dura waayee furaa (“dictionary”) inni baasee isiniif kaase sun, kunoo akkana jedha:

“Language and customs are life, daily life with all the verbal expression that go with it. Following our credo, it is our call to be as close as possible to the people, to undestand their culture and way of life. Only then does communication between persons and between cultures become a reality.” Kun jecha bareedaa, afaan bareedaan dhiyaate.

Shoorri Afaan Oromoo qabsoo amma sabni keenya oofaa jiru keessatti qabu, daran cimaa dha. Afaan Oromoo biyya isaa keessatti marcuma ofii qabachuu dha qaba. Marcuma kanallee kan deebiseetoo isa qabachiisu numa; ee numa Oromoota. Kana gochuuf immoo kan nu barbaachisu raajii wayii eeggachuu otoo hin taane, sirriitti afaan kanaan hojjachuu fi irrattis hojjachuu dha.

Kunoo, akka miidiyaalee addaddaa irraa raasaa kana (jidduu kana) dhagahamutti mootummaan Habashaa seeruma ofii baase, irra ijjachuun magaalaawwan Oromiyaa garii keessatti akka ijoolleen Oromoo afaan ofiitiin hin baranne dhoowwaa jira. Kun roorroo roorroo caalu. Amma nuti Oromoonni kana callifneetoo bira dabruu hin dandeenyu! Fincilli diddaa gabrummaa karaa kanaanis itti-fufuu qaba! Eenyumtuu biyya keenya keessa nagaan hojjatee, nagaan jiraachuu dandaya. Garuu, eenyumtuu afaan biyyaa, Afaan Oromoo barachuu qaba. Kunillee seera addunyaalessaa ti. Erge warri Habashaa dubbii jalqabanii, nuti biyya keenya keessatti Afaan Amaaraa hin barannu jechuun kutaalee afaan sanii seenuu diduu qabna! Bakka hundattuu afaan keenyaan haasawuu fi dhiimma ittiin-bawuutu nu irra jira. Kun qabsoo bilisummaa Oromiyaa daran cimsa malee, kan laaffisuu miti. Ibiddi qabsoo bilisummaa karaa maraa fi fuula fuulaan shidamuu (qabsiifamuu) qaba! Kan shidame immoo irra-caalaa walitti qindaawee takaanfachuutu kan nu baasu taha! Hubaddhaa: biyyi teenya Oromiyaa dha; afaan keenya Afaan Oromooti; qabsoon keenya qabsoo bilisummaa Oromoo, kan hundee gabrummaa Habashaa fonqolchee darbachuun Repuplika Gadaa Oromiyaa hundeessu!

Mee amma gara sagaleewwan moggoyyaaleetti haa ceenu! Jechoota moggoyyaalee tahan keessaa warri san irratti dabalee moggoyyaa biraa qaban ni jiru. Kunis waan jechi tokko hiikkolee garagaraa qabaachuu dandayuufi. Kana fakkeenyaan ibsuuf, yoo jecha “boqochuu” jedhamu fudhanne, akkuma argitan hiikkolee “hafuura baafachuu, aara galfachuu, bayyanachuu” jedhamantu kenname. Egaa kun hiikkoo “boqochuu” keessaa isa tokko callaa dha. Garuu “Boqochuu”-n hiikkoo: “du’uu, cichuu” jedhamus ni qaba. Hiikkoon isaa inni lammaffaan kun as irratti kennamuu hin qabu. Booda keessa oggaa jechi “du’uu”, yookaan “cichuu” kennamu, “boqochuu”-n akka hiikkoo isaatti kennama jechaa dha. Kanaaf, oggaa hiikkolee sagaleewwan tarreeffamanii dubbifnu kana mataatti yoo qabanne shaggaa taha.

Mee erga kana qalbeeffannee, kanaa gaditti sagaleewwan 25-nan kutaa kanaaf kurfeeffaman haa ilaallu! Jechoota harra isiniif dhiyaatan keessaa tokko tokkoo isaanii obboo Hundasaa Lammeessaa-tu naaf egeeyyu. Kanaafuu, inni galata guddaa qaba! Isinis waan qabdan keessaa yoo naaf ergitan, dabalata taha. “Harki dabaree waldhiqa” jedha, Oromoon keenya.

JECHOOTA MOGGOYYAALEE

1) Hurreessuu – caccabsuu, hunkuteessuu
2) Cinaa – maddii, bukkee, bira, dhaatuu
3) miira – coraa, faara
4) Coruu – funaanuu, guuruu, buwuu
5) dila – danuu, hedduu, baay’ee, futuree
6) Diroo – qaccee, hortee, guboo
7) Togaa – dheeraa, laanqisaa
8) Fonqolchuu – garagalchuu, buqqisuu
9) Saaduu – faarsuu, jajuu
10) Fuggisoo – garmalee, jallina
11) Hiixuu – halaala, fagoo
12) Gonfa – badhaasa, kenna
13) Gasharee – gaanfuree, qaxalee
14) Teellaa – duuba, booda
15) Boqochuu* – hafuura fudhachuu, aara galfachuu, bayyanachuu
16) Sabla – tamboo laaftuu, hobossa
17) Algalaa – ranjula, saragee
18) Bawwee – akaafaa
19) Shalshalii – kaboota happhii, hanfalii
20) Lalee – re’ee, eleba, laalessa
21) Qafee** – inyii
22) Buluu – ansoolaa
23) Arma – as, addana, bakkana
24) Andarqii – saamunaa
25) Mandara *** – warreena, manneetii, ganda, daddoo

HUBACHIISA MIILJALEE
* Boqochuu, boqochiisuu; boqota, boqonnaa, boqochiisaa, boqochiiftuu — faa!

** Namni qotiyyoo hin qabne, isa qotiyyoowwan qabuuf qoteetu lafa ofiis qotata. Ennaa baay’ee gaaf lama abbaa qotiyyootii qoteeti, gaafa tokko immoo ofiif qotata. Egaa, haala akkanaatu “qafee” yookaan “inyii” jedhama

*** Sagalee “mandara” jedhamu kana Afaan Amaaraatu Afaan Oromoo irraa ergifate. Kunis jechoota Oromoo lama irraayyi walitti baquuun tolfame: mana + dara = mandara. “Dara” jechuun waan walitti tarreeffamee baay’inaan argamu.

Itti-fufa —!

==================== // ===================

Taammanaa Bitimaa: Gurree@web.de





Comments


No comments yet! Be the first:

Your Response



Most Viewed - All Categories