JECHOOTA MOGGOYYAALEE KAN AFAAN OROMOO: KUTAA TORBAFFAA

Taammanaa Bitimaa irraa*

Kutaalee dabran jahanuu akka argattanii dubbiftan abdachuun, mee kunoo harras kutaa isa itti-fufamu isiniif dhiyeesseen jira.

 

SEENSA
Kutaa isa lammaffaa keessatti waayeen badhaadhina Afaan Oromoo hammi tokko isinii dhiyaatee ture. Kunis akka armaan gadiitti ibsameeyyu:

“Afaan tokko heddummina jechoota isaa keessayyuu jechoota moggoyyaalee-tiin duwwaa miti kan isa afaan sooressaa fi gabbataa isa taasisu. Waan tokkos gargar-baafate yoo lafa kaawwate, daran afaan sooressa isa jechisiisa. Afaan keenya, Afaan Oromoo kana lachuunuu jifaarameetoo argama. Afaan kana keessatti jecha tokkoof moggoyyaaleen shan yookaan sanii ol heddumminaan muldhatu. Kana irratti dabalameesoo, waan tokko sirriitti addaan-baasuun lafa kaawwata. Barachiisaan (pirofeesarri) ogeessa afaanii kan Biyya Ostiriyaa, Philipp Paulitschke, bara 1886 keessa Oromiyaa Bahaa keessatti qorannoo adeemsisee ture. Inni Afaan Oromoo karaa lamaan raajeffata. Tokkoffaa karaa bareedumina isaa daran malaaleffata. Lammaffaa afaan kun daran sooressa jedheetu dinqeeffata. Kanas fakkeenyota kennuun agarsiisa. Yeroo sa’aatii 24 keessatti argamu tarreessuun sagaleewwan 17 keenna.”

Inni kanaa olitti jedhame kun erga barreeffamee, barroolee (kitaabota) tokko tokko kan waayee Afaan Oromoo ibsan argeen ture. Barroon Ton Lues, kan “Aadaa Booranaa – A Dictionary of Borana Culture” jedhamu, dubbii kanaa olitti kaafame daran mirkaneessa. Furaan kun aadaan Oromoo fi Afaan Oromoo akkam baldhaa, tujuba-qabeessa fi sooressa akka tahe, sirriitti agarsiisa*. Mee ammaaf waa xiqqooshii isinii kenneen bula. Kutaalee itti-aananittan akka dharraatanii jala-buutaniif faldhaana shaayitiin isiniif qicaa, mee Waaqni anaafis, isiniifis obsa haa kennu! Abbaan keenya kun waggaa 25 guutuu Oromiyaa keessaa, godina Booranaa jiraatee, kunoo achuma dachee Oromiyaa jaalatu san irratti boqote (mee Waaqni ekeraa isaatii nagaya haa buusu!).

Amma jecha “rifeensa” jedhamu jalatti sagaleewwan inni tarreessen kenna. Kunis kan nutti muldhisu, akkamitti Oromoon waa addaan-baafatee akka kaawwatu. Barroon kun dubbii barachiisaan Philipp Paulitschke waggaa 126 dura jedhe san nuuf mirakaneessa jechaa dha. Kunoo Ton Lues akkana jedheeti, waayee rifeensaa nuuf tarreessa:

1) Rifeensa mataa
2) Rifeensa bobaa
3) Rifeensa gaara ilaa (“eyebrows”) = rifeensa nyaaraa. Oromoon Booranaa “ijaa”-n “ila” akka
jedhu yaadachuun dansaa dha. Jechi “ilaaluu” jedhamu isa
kana irraa madde.
4) Rifeensa koola ilaa (“eyelash”) = rifeensa laboobaa ijaa
5) Rifeensa butumee = rifeensa hidhii isa jalaatii gaditti argamu
6) Rifeensa afarroo (“moustache”)
7) Rifeensa areedaa
8) Rifeensa harkaa
9) Rifeensa miilaa
10) Rifeensa qomaa
11) Rifeensa saalaa = saphii

Oromoon Booranaa rifeensa nafa (dhagna) namaatiin “dabbasaa”-s ni jedha. Ammas isa kanaa oliitti, barroodhuma san keessaan waa isiniif ida’a. Furaan kun jecha Oromoonni Waltaajjii fi lixaa (Tuulamaa fi Macci) “albaadhecha/ albaadhessa” jedhaniif, Oromoon Booranaa albaadhessummaan kun akka sadarkaa garagaraa qabu, jechoota mataa ofii dandayan shan kennuun nutti agarsiisa. Mee jechoota shananuu akkuma T. Leus kennettan isiniif dhiyeessa:

“The Borana have specific words to describe types of gluttony, greediness:
– afuuraa: someone who never gets satisfied, eats in a hury, gobbles.
They can become agarii.
– agarii: insatiable hunger like a sickness; it happens when there is
famine, even to a rich person; the body gets weak and swollen.
– boola/ boolicha: an insulting term for someone who never gets
enough.
– sabdii: someone with a big appetite. They are always thinking of food,
do not share it with others, but when satisfied they stop eating.
– ufoo: selfish, egoistic, not sharing.

Yaada shanan kanaa olitti addeeffaman ibsuuf, fakkeenyaaf Oromoonni Waltajjii (Tuulamaa fi Macci Bahaa) jechoota afur qabu. Tokkoffaa: albaadhessa/ albaadhecha isa jedhamu kanaa olitti kaaseen ture. Lammaffaa: afuuraa – oggaa baay’ee horiif jedhu. Ammoo, nama albaadhessa taye jabeessanii ibsuuf yoo barbaadan: “namticha afuuraa kana!”, yookaan “abalu akka sa’a horaa galuutti afuura” jedhu. Sagaleen “agarii” jedhamus akka maqaa namaatti ni beekama. Kun nama maqaa san qabu arrabsuuf otoo hin taane, haadhatu maqaa akkanaa jaalalaaf akka maqaa-basootti ennaa daa’imummaa isaa baasafi. Anuu maqaa “raammoo”, “raacha” jedhamu nan beeka. Kana cufa haadhatu: “raammoo kiyya, raacha koo, agarii kiyya” jedhaani. Booda maqaan sun akka maqaatti fudhatameetoo hafa. Maqaan “bookee” jedhamu Biyya Oromoo keessaa godinoota danuutti akka argamu, yaadachuun mishaa dha. Kunis xiqqummaa fi jaalala ibsuufi malee, arrabsoo wayituu hin qabu.

Kanneen martinuu Oromoon waan tokko sirriitti lafa kaawwatee waamuu, akka duudhaa ofii godhate nutti agarsiisu. Ilaa dhalloonni ammaas, dhallonni boruus dhuudhaa dilbaawaa fi miidhagaa kana akka qaroo ija ofiitti eeggatanii bardhibbee fi barkumee hedduu qaxxaamursiisuu qabu. Yaa ijoollee Oromoo, mee hundi keenya qalbii fi sammuu keenya gara aadaa fi afaan keenyaatti haa luuccessinu! “Marcumaa fi ulfina abbaatu siqfata” jedha mammaaksi uummata keenyaa tokko!

Mee erga kana qalbeeffannee, kanaa gaditti sagaleewwan 25-nan kutaa kanaaf kurfeeffaman ilaallee, dubbii haa bulfannu!

JECHOOTA MOGGOYYAALEE

1) Gurmeessuu – kurfeessuu, gamteessuu, qixxeessuu, walitti-qabuu
2) fiinoo – tiinoo, xurumbaa
3) Gataa – kosii, xaa’oo
4) Gajamii – nyaata-ganamaa, bultee, faxara
5) Konfoleessa/ konfolee – qeerroo
6) Maansa – cirracha
7) Badallaa – boqqoolloo
8) Gaayila – fuudhaa-heeruma, cidha, aruusha/ aruuza
9) Gita – walqixxee, fakkaattii, hiriyaa
10) Golollisa* – dimimmisa, golgola
11) Qarxii – cabsaa-qotiisaa, buufata
12) Hicciqii – didha, booree
13) Doobicha – jagna, goota
14) Dhabannee – mudaa, hir’ina, hanqina
15) Dhaqdhaqii – laaqii, sochootuu, hinquuftuu
16) Leeddii – kophaa, leexaa
17) Laambubuu** – waliinmakuu, bulbuluu
18) Bungee – qomee
19) Olkii – waraana, duula, doowa
20) Balaqqamuu*** – diddiguu, hoqqisuu
21) Fichaa – deegaa, dhabeessa, fixataa, qollee
22) Qulquuluu**** – yaaduu
23) Himannoo – beeksifannoo, iyyannoo
24) olokee – awwaal-diigessa
25) Xifumaa – gonkumaa, matumaa, cufumaa, takkummaa

HUBACHIISA MIILJALEE

* Xiinxaltii barroo (“Book Review”) kanaa mee yoo feetan, “Taammanaa Bitimaa: Gadaa.com”, yokaan “Ayyaantuu Oromiyaa.com” keessaa ilaalaa!
** Laambuba, laambubbii = waliinmakaa, bulbula; laambubamuu = waliinmakamuu, bulbulamuu; laambubsiisuu = waliinmaksiisuu, bulbulchiisuu; laambubachuu = waliinmakachuu, bulbulachuu —. Laambubaa /laambubduu = waliinmaktuu, bulbulaa/ bulbultuu — faa!
*** Balaqqama = diddiga, hoqqisa. Balaqqamsiisuu = diddigsiisuu, hoqqisiisuu —. Balaqqamsiisaa = diddigsiisaa, hoqqisiisaa — faa!
***** Qulquula = yaada. Qulquulamuu = yaadamuu; qulquulchisuu = yaachisuu. Qulquulchisaa = yaachisaa— faa!

Itti-fufa!

==================== // ====================

Taammanaa Bitimaa: Gurree@web.de





Comments


No comments yet! Be the first:

Your Response



Most Viewed - All Categories