JECHOOTA MOGGOYYAALEE KAN AFAAN OROMOO: KUTAA SHANAFFAA

Taammanaa Bitimaa irraa*

Kunoo, barreeffanni kun kutaa shanaffaan isinii dhiyaatee jira. Isaan kanaan dura dhiyaatan irratti ida’attu jedheen abdaddha!

 

SEENSA
Afaan Oromoo keenya, afaan hedduu namatti tolu. Ammoo, akkuma afaanichi nutti tolu, nutis yoo isaaf tolle Waaqnillee nuuf tola. “Nutis isaaf tolu jechuun”: yoo harqoota ammallee isa irra jiru, waltahuun irraa kaafane jechaa dha. Garuu kana jechuun: “Dura harqoota san irraa kaafnee, booda isa guddisuu fi misoomsuutti kaana”, waan jedhamuu miti! Isaan barachaa, isas barachaa, isaan barreessaa, isaan hojjachaa, isa guddisaa, isa misoomsaa, — qabsaawutu karaa sirrii taha. Afaan abbaa keenyaa dagaagsaa qabsoofna; qabsaawaas dagaagsina! Dirqamoonni lamaan kun lakkuu waliiti!

Hayyoonni Oromoo shoora (qooda) Afaan Oromoo qabsoo bilisummaa Oromiyaa keessatti qabu, sirriitti xiinxaluun uummata ofii barsiisuutu isaan irraa eegama. Uummata barsiisuuf immoo dursanii uummaticha irraa barachuutu qajeelaa dha. Yoo akkana tahe qofa, kan barsiisa tujuba-qabeessa deemsisuun dandayamu. Haatahu malee, hayyoota Oromoo warra biyyambaa (“diaspora”) jiran keessaa warri waayee Afaan Oromoo irratti hojjatan, kanneen qubaan lakkaawamani. Dabaleesoo, warra afaan kana irratti hojjataniif gargaarsa addaddaa kan akka: gargaarsa hamilee, gargaarsa horoo, gargaarsa gorsaa, gargaarsa maxxansiisaa fi gargaarsa raabsaa faa gochuun sonaan barbaachisaa dha! Kanatti ida’amee qoonni dureeyyii fi qabeeyyii Oromoo akkaan cimaa dha. Isaan kanas shoora isaan bilisummaa Oromiyaa keessatti qaban ibsaniitoo barsiisuun, hayyoota Oromoo irraayyi eegama. Hayyuun uummata cunqurfamee fi saba dagabaafatame keessaa baye, dirqamnii fi itti-gaafatamni isaa dachaa-dachaa dha! Mee waan hundaafuu, cufti keenya dirqama ijaa-baasee nu ilaallatu kana beekuun, hammuma dandeenye haa sochoonu! Dolooldhoon garagaraan walitti yaateetu laga taati. Laggeen sunis fuula-fuulaan walitti yaa’aniitu laga-laga caalu, Abbaya guddicha san tahu!

Erga isa kana keessaa waa mildhannee, ammammoo jechoota kutaa kanaaf kurfeeffaman 25-nan ilaallee, dubbii kanaa olitti kaafames baldhinaan ilaaluuf mee haa bulfannu!

JECHOOTA MOGGOYYAALEE

1) jigii – daboo, bayii, guusha/ guuza
2) giroo – dhimma, maayii, haajaa
3) sidii – nyaapha, amajaajjii, diina
4) shalaaluu* – hookkessuu, jallisuu, dabsuu
5) kontoo – gagaa
6) gulantaa – yabboo, sadarkaa
7) murrii – faallee, kallacha (“direction”)
8) soodduu – siidaa
9) shishii – bunee, korkorii
10) barroo – kitaaba, macaafa
11) kurree – qadaada/ qadaaddoo
12) kittima** – aarsaa, ofkenna
13) qooshaa – bukoo
14) saanquree – suguda
15) saggoo – salgii, qucee
16) kijiba*** – soba, fada, dhara
17) shuruquu**** – tumuu (midhaan)
18) shoora – qooda
19) dhukkee – awwaara
20) mamii***** – ciicata/ ciicannaa, shakkii
21) xulubuu****** – utaaluu
22) xuurii – barchii, cubbuu
23) kumala – dirriba, gaabii (sobbooqa tahe)
24) waashoo – qulqulluu, culkii, xuri-maleessa
25) laahuu – gooboo, futtaasee, bunnee (“bow”)

HUBACHIISA MIILJALEE

* Shalaalfamuu = hookkeffamuu, jallifamuu, dabsamuu; shalaaltii = hookkessa, dabsa — faa.
** Kittimamuu = aarsaa tahuu, ofkennuu; kittimamaa/ kittimamtuu = ofkennaa/ ofkennituu —faa.
*** Kijibuu = sobuu, faduu; kijibsiisuu, = sobsiisuu, fadsiisuu; kijibduu = sobduu, fadduu — faa.
**** Shuruqamuu = midhaan tumamuu; shuruqa/ shuruqqii = midhaan tumiisa — faa.
***** Mamuu = ciicachuu, shakkuu; mamamuu = ciicatamuu, shakkamuu; mamsiisuu = ciicachiisuu, shakkisiisuu; mamsiisaa = ciicachiisaa, shakkisiisaa — faa.
****** Xulubamuu = utaalamuu; xulubsiisuu= utaalchisuu; xuluba, xulubbii = utaalcha; xulubboo = utaalchoo — faa.

Itti-fufa —!

================ // ================

Taammanaa Bitimaa: Gurree@web.de





Comments


No comments yet! Be the first:

Your Response



Most Viewed - All Categories