JECHOOTA MOGGOYYAALEE KAN AFAAN OROMOO: KUTAA SADAFFAA

Taammanaa Bitimaa irraa*

Kutaa isa lammaffaa irratti kan isiniif dhiyaate san, akka qalbeeffatan abdachuun, mee kunoo kutaa sadaffaa itti-fufeetan jira.

 

SEENSA
Barreeffata kana isa dabre keessatti akkana jedhamee ture:

“Afaan tokko heddummina jechoota isaa keessayyuu jechoota moggoyyaalee-tiin duwwaa miti, kan isa afaan sooressaa fi gabbataa isa taasisu. Waan tokkos gargar-baafatee yoo lafa kaawwate, daran afaan sooressa isa jechisiisa. Afaan keenya, Afaan Oromoo kana lachuunuu jifaarameetoo argama. Afaan kana keessatti jecha tokkoof moggoyyaaleen shan yookaan sanii ol heddumminaan muldhatu.”

Ilaamee, kana callaa miti kan badhaadhina Afaan Oromoo muldhisuu dandayu. Afaan kun afaan jechoota isaa sonaan heddummeeffachuu dandayu. Kunis seeruma ofii irratti bu’ureeffamuuni. Afaan Oromoo jecha tokko irraa jechoota danuu baafachuu dandaya. Kana irratti, barroolee (kitaabota) tokko tokko mee haa ilaallu!

Barachiisaan (pirofeesarri) G. Gragg furaa: “Oromo Dictionay” jedhamu keessatti, jecha Afaan Oromoo isa “bu’uu” jedhamu irraayyi, sagaleewwan 32 kan mataa ofii dandayan akka bayan agarsiisuun tarreessa. Haatahu malee, inni jecha kana irraa hundumaa, jechuun isaan qaata baafamanii jiran hin tarreessine. Otoo hundumaa baase tahee, yoo xiqqaate jechoota 100 tarreessuun ni dandayamaayyu.*

Taammanaa Bitimaa furaa: “A Dictionary of Oromo Technical Terms” jedhamu keessatti, jecha “mana” jedhamu jalatti sagaleewwan 162 kenna. Mee amma isaan keessaa jechoota 20 callaa haa akka fakkeenyaatti ilaallu:

mana baankii – bank, credit firm
mana barachiisii – college
mana bareedinaa – beauty salon
mana barreessaa – secretariat, office
mana barumsaa – school
mana bashannantii – recreation-room, recreation center
mana lakkoofsaa – place value
mana bilbiltoo – telephone booth, call-box
mana bobbaa – toilet
mana bultii – boarding-house, lodging
mana daabboo – baker’s shop, bakery
mana daaltii – discotheque
mana ergaa – post office
mana gasharee – orphanage
mana lamii – embassy, consulate
mana marii – council, congress, parliament
mana tirgaa – casin
mana torobbee – police station
mana waldhaansaa – hospital
mana waldoo – community home

Isaan kun jechoota walmaddiitti kitaabamani malee, kanneen walti-baqanii barreeffaman yoo lakkaawaman, jechuun kan akka:

mankurnee – tens
manattii – cottage, hut
manbarroo – library
mandiidaa – wild
mankuusa – storeroom, magazine
maneegduu – house guard
manseera – court (of law)
masardurii – castle

faa akkaan danuu waan tahniif, jechoota 162-maan jedhaman sanii ol tahu. Isaan kanaa olii lachuu jechuun, kan walmaddiitti barreeffamanii fi isaan walitti-baquun barreeffaman cufti warra: “jechoota ogummaa” (“technical terms”) jedhamani malee, isaan jechoota dassibaa (“common words”) tahan, otoo itti-dabalamanii kana caala sonaan heddummaatu jechaa dha.

Egaa, akkuma armaa olitti agartan Afaan Oromoo afaan sonaan hedduu wal-horuu dandayu. Inni kun akkamii fi karaa kamiin akka tahe, gaafa biraan bakka biraatti muldhisuuf yaala. Ammaaf kanaa gaditti jechoota kutaa kanaaf dhiyaatan, 25-nan isiniif tarreesseen bulaa, isinis mee nagaan naaf bulaa!

JECHOOTA MOGGOYYAALEE

1) lugna – dabeessa, xalxaba, dabooroo, sodaataa, abeeda, xeellaa, bakula,
daafana
2) tirmaa – gabbara, kalloo, geegawoo
3) kadeeduu** – herreguu, heduu
4) omborii – matajaboo, hayisaa, ajjaa
5) qashii – barsii, galabaa
6) mooree – xirinyii
7) qocii – gabattii, kolfee, carisee
8) qoshee – hoffaa, hosee
9) saggoda – qufaa-laafaa, utaalloo, dufkaka (“common cold”)
10) dhugoo – xuuxxoo, loomii
11) naatoo – simboo, surraa, soorqabessa/ soorqabeettii
12) tamaagala – daagii, didaa, abaayaa
13) toomaa – urgummeessa, bokkotumaa, mukatumaa, mukamooyyee,
ilmoo-mooyyee, moosii
14) geergoo – bacoo, tukaana/ tukaanii
15) koola – koochoo, laboobaa
16) taliiga – malbultii, siyaasaa, polotikaa
17) nafa – dhagna, qaama
18) jaratee – eelee sibiilaa, qibaabaa
19) gaasuwwee – gomjii, gemmoo, dhandhaarraa, sunsuma
20) dibboora – gaaddetta, jibbaa (“mat”)
21) sumuda – gubaa
22) dakkarroo / dakkara- libaanata, ixaanaa
23) shunququu*** – curruuquu, daa’imuu
24) maamila – beeddee
25) makaaldhoo – carraa gaarii, milkii, gaaroo, faroo, kaawooo/ kaayoo

HUBACHIISA MIILJALEE

* Barrooleen kun dhuma-dhumaa barreeffata kanaa irratti kennamu.

** kadeeda = herrega; kadeedaa = herregaa; kadeedduu = herregduu; kadeedamuu = herregamuu faa
jedhamee akkuma seera Afaan Oromootti tatarreeffamuun sirrii dha.

*** shunquqa = curruuqa, daa’immii, shunquqqii; shunquqsiisuu = curruuqsisuu, daa’imsiisuu;
shunqusiisaa, curruuqsisaa, daa’imsiisaa — faa.

Itti-fufa —!

================ // ================

Taammanaa Bitimaa: Gurree@web.de





Comments


No comments yet! Be the first:

Your Response



Most Viewed - All Categories