JECHOOTA MOGGOYYAALEE KAN AFAAN OROMOO: Kutaa Tokkoffaa

Dubbiftoota barreeffata kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, hunda durseen nagaa fi nageenya isiniif hawwa! Mee kunoo harra irraa kaaseen, mataduree kanaa olitti kaayame jalatti akkuma yeroon naa hayyametti waa isinii dhiyeessuuf yaala. Isin immoo akka obsaan na dukaa-buutan abdiin qaba. Barreeffanni kun gariin isaa, kanaan dura bara 2007 irraa kaasee yeroo addaddaa mandhee ONA irratti bayee ture. Garuu, waan mandhee tana keessatti bawu warruma miseensota tahan qofaatu dubbisa. Amma akka abbaan fedhe martuu dubbisuu dandayuuf, dabalannii fi gulaaltiin erga godhamee booda kunoo isiniif dhiyaatee jira.  


DURADUBBII


Afaan Oromoo afaan hedduu baldhaa fi sooressa tahe. Sagaleewwan (jechoonni) isaa akkuma galaana Abbayaa tii, waraabamaniitoo hin dhumani. Biyya Oromoo fi Oromiyaa mara dhiisitii kan godina tokkooyyuu sonaan baay'ee dha. Ammoo, waan hamma ammaattuu sirnaan barreeffamanii hin dhiyaanneef, namoota cufa biratti gariin isaanii hin beekamne. Innin ani siniif dhiyeessu kun, tarii dabalata wayii tahuu dandaya. Mee isin, dubbiftoonnis waayee kanaa irratti kan naannoo keessan keessatti beektan, yookaan kan naannolee biroo yoo qabaattan karuma mandhee tanaa naaf ergaa! Dabaleessoo, kanneen isinii dhiyaatan kun, jechoota Oromoo kan godina tokkoo yookaan sadiyii fi afurii miti. Godinoota Biyya Oromoo fi loqoddaalee Afaan Oromoo hunda irraa kan walti-qabamani.

Innin ani harra irraa jalqabeetoo isiniif dhiyeessu kun, akka warri Afaan Oromoo irratti qorannnoo adeemsisaa jiran, yookaan immoo adeemsisuuf yaada qaban, warri mijaaweef isa kanattis xiyyeeffataniifi. Qorannoon afaan keenya irratti adeemsifamu, karaa addaddaa tahuu qaba. Yoo akkana tahe, Afaan Oromootii irra-caala dabalataa fi tolaa tahaa tarkaanfata.  


SEENSA


Ogeeyyiin xinlugaa (saayinsii afaanii) ennaa hedduu moggoyyaan ("synonym") jechoota tokkoo, dhibbaa dhibbatti kan biraatii hin tahu jedhu. Oggaa tokko tokko sagaleewwan nuti akka moggoyyaatti dhima ittiin baanu, moggoyyaa haa fakkaatan malee guutuutti moggoyyaa miti. Fakkeenyaaf jechoonni: gaarii, mishaa, dansaa, bayeessa, gameessa, shaggaa, bayii, baroo faa  jedhaman daran walitti dhiyaatu malee, gariin isaanii dhibbaa dhibbatti moggoyyaalee miti. Garuu, dubbii baldhifneetoo yoo ilaalle, isaan kanas akka moggoyyaaleetti fudhachuun ni dandayama. Waan hundaafuu, barreessitoonni furaalee ("dictionaries") Afaan Oromoo kana akeekkachuun sirriitti kaayuu qabu. Kannee addaan-baasanii kaayuun, guddinaa fi baldhina afaan keenyatii sonaan barbaachisaa dha.

As irratti sagaleewwan moggoyyaa tahanii fi sagaleewwan tokkuma tahanii otoo jiranuu unkaan ("form") isaanii adda tahe, gargar-baasuun mishaa taha. Fakkeenyota:

          dhoowwaa fi dhoorkaa
          biyyee fi biyyoo
          kaleessa, kaleecha fi kaleeysa 
          ibiddaa 
fi abidda 
          hojjachuu 
fi hojjechuu 
          bulchuu 
fi bulshuu/ busshuu 
          jaalachuu 
fi jaallachuu 
          waayee 
fi waa'ee 
          dubraa 
fi durba 
          wayaa (uffata) 
fi wayyaa
          keenya 
fi keenna 
          duumessa, duumechaa 
fi duumeysa 
          obboleessa, obboleecha 
fi obboleeysa
          jidduu 
fi gidduu
          haddhaawaa 
fi haddhaa'aa.

Isaan kanaa olii kun sagaleewwan tokko tahaniitu unkaa isaanii callaan addaan tahani. Kunis waan loqoddaalee ("dialects") addaddaa keessatti adda tahaniifi. Isaan kun akka moggoyyaalee walii hin taane akeekkachuun bayeessa. Akkuma Afaan Oromoo waaltawaa deemu, isaan kana keessaa tokkoon isaanii qofti akka bakka hundattuu beekamu taha. Ammaaf warri Afaan Oromoo akka waaltawaa deemuuf hawwii fi abdii qaban, dabraniitu irratti hojjachaa jiran, isaan akkanaa keessaa tokkoo isaanii jechuun kan dubbachuufis, barreessuufis namatti tolu fudhatanii deemuun karaa qajeelaa dha. Faakkeenyaaf: waayee, haddhaawaa faa yoo iddoo marattuu beeksifne irra wayya. Isaan hafan jechuun kan akka waa'ee, haddhaa'aa faa ni dhoorkamu jechaa miti. Uummanni akka fedhetti dubbachuu dandaya. Dabaleesoo, barreeffatuma isa waaltawaa keessattis akka isa kaanis dhimmi ittiin-bayamutu jira. Fakkeenyaf: sheekkomsaan tokko sheekkoo wayii kanuma ofumaan uume, naannoo Sayyoo yookaan Siibuu (Gimbii) faatti hundeesse yoo tahe, oggaa ofii dubbatu "waayee, haddhaawaa" faa jedha. Oggaa immoo nama naannoo sanii dubbachiisu "--- Ati waa'ee jaallalaa maaf  wallaalte? Jaallalatu akka heexoo sitti haddhaa'ee?", jedhee sheekkoo isaa yoo sheekkomse, haala jiru irratti waan bu'ureeffameef caala shaggaa taha.

Amma isaan kanatti aananii dhufan, moggoyyaalee walii akka tahan qalbeeffachuun daran barbaachisaa dha:

          qofaduwwaa, callaa
          bakka, iddoo
          buupphaa, inqaaquu, killee, okokkaan
          wasiila, adeera, abbeeraa
          oggaa, ennaa, yommuu, si'a
          uffata, wayaa, huccuu, daara, kafana.

Warra moggoyyaalee tahan hunda beeksisaa deemnuun afaanichaaf akkaan barbaachisaa dha. Kunis karaalee manneen barumsaa, sabqunnamtii fi barreessitoota Oromoo faa tahaa kan deemu. Godinoonni Biyya Oromoo fi loqoddaaleen Afaan Oromoo jechoota gosa sadii qabu.

a) Kanneen Oromoota hundaaf kan waloo tahan. Fakkeenyota: 

          ibidda, haadha, abbaa, galuu, buluu, sa'a, harree, farda, 
          Waaqa, eebba, ganda, mana, baala, gaala, bona, garaa, miila, 
          buna, bosona, aannan, bishaan, midhaan, gurraacha, diimaa, 
          adii, afaan, gaara, garbuu, qaalluu, gadaa, biyya, booda, 
          guyyaa, yaada, jaalala, jiidhaa, jala, jidduu, irra, gara, guddaa, 
          horii, daadhii, beela, ulee, daaraa, muka, loon, foon.
 

Jechoonni akkanaa kun, jechuun kan Oromoonni martinuu wajjin qaban sonaan baay'ee dha. Oromoonni sagaleewwan dhibbayyaa 80 (80%) ol waliin qabu. Kanaafikaa, kan Oromoonni yoo eessayyuu dhufanii walargan, kan waliigaluun isaan hin dhibneefi. 

b) Kanneen godinoota yookaan loqoddaalee lamaa-sadii yookaan sanii ol keessatti beekamani. Fakkeenyota:

          mishaa                      (Wallo, Arsii irraa)
          dansaa                      (Gujii, Boorana, Gabra, Orma, Waata)   
          jirraa                         (Tuulama, Harar)
          baroo                         (Jimma, Iluubbaa Booraa)
          taqee                         (Orma, Waata)
          gumbii                       (Wallagga, Macca Boruu*, Jimma, Iluubbaa Booraa)
          shabalakee                (Orma, Waata)   
          harfa                          (Orma, Waata)
          oddoo                         (Tuulama, Macca Bahaa)
          waangoo                     (Jimma, Iluubbaa Booraa, Wallagga)
        
  weeluu                        (Gujii, Boorana, Gabra)
          wasiila                         (Tuulama, Macca)  

c) Kanneen godina tokko yookaan loqoddaa tokko keessatti duwwaa beekaman. Faakkeenyota:

          maddee                      (Macca Bahaa duwwaatti beekama)
          koodee                       (Tuulama)
          
hanshaaqa                 (Orma)                        
          bayii                           (Wallagga)
          kolluu                         (Waata)           
          micee                         (Boorana)
          mittaa                        (Boorana)         
          
tooree                        (Orma)                       
          waafa                         (Orma)                        
          totommoo                  (Boorana)                      
          takkaantakkee          (Boorana)
          halkoo                        (Wallo)               

Jechoota Afaan Oromoo kanneen akka isaan kanaa olitti jechuun: b fi c jalatti kaafamanii daran baay'ee dha. Isaan akkanaa kana bakka cufattuu beeksisaa deemuu qabna. Karaalee itti isaan beeksisaa, walbarsiisaa, walirraas barachaa deemnu keessaa mandheewwan kompuutaraa kan akka AUO (ANA),Gadaa.comAyyaantuu.combilisummaa.com faa garii tahuu dandayu.   

Waggaalee soddomman dabran kana keessa Oromoonni danuun bakka itti dhalatanii-guddatan gadi dhiisuun, Biyya Oromoo keessaa bakka biraa qubataniiti argamu. Yookaan immoo biyya isaanii gaddhiisuun addunyaa mara keessa facayanii jiru. Kunis akka Oromoonni sagaleewwan godinoota biroo walirraa baratan taasisee jira. Kana irratti ida'amees buufanni raadiyoolee Afaan Oromootiin dabarsanii, gaazexoonni, kitaabeewwan, barruuleeni fi barrooleen (kitoobonni) waggaalee jedhaman kana keessa bayan Oromoo fi loqoddaalee Afaan Oromoo hedduu walbarsiisanii jiru. Mee kana ofuma keenya of-yaadachiisuuf, jechoota Afaan Oromoo kanneen waggaalee digdamman yookaan sanii olii baranneetoo amma qaama sagaleewwan duraan beeknuu taasifanne haa yaadannu! Ilaamee, anis shiikkoo wayii isin yaadachiisuuf, armaan gadittan waa isiniif tarreessa. Ammaaf jechoota shantama callaan kennee dabra:

          sagantaa, sadarkaa, unkaa, hayyuduree, mataduree, 
          hogganuu, durataa'aa, karoora, daangaa, maanya, hujulaa, 
          bardhibee, kurnaala, jabajjii, balaliyaa, boongoo, barruulee, 
          galaalchaa, ispoortessaa, fatansa, kashalabbee, torobbee, 
          gasharee, ulaagaa, moggoyyaa, ammayyaa, gabaasa, qubee, 
          birsaga, dimshaasha, olbaa, ijoo-dubbii, bashannantii, barroo, 
          konkolaataa, qabxii, gimboola, fashaluu, finciluu,  
          suukaneessaa, masaraa, jaallee, waajjira, dabalgoosii, hirmaata-
          dubbii, sabbuu, raayyaa, meeshaa, xinjiree, maamila.
 
 

Sagaleewwan kanaa olitti kennaman, jechaan kan waggaalee digdamman dabran kana keessa hubachuu dandeenye, sagaleewwan ennasuma lafa keessaa burqanii miti. Gariin isaanii durumaanuu, godinoota tokko tokko keessatti ni beekamu. Gariin isaanii immoo akka biraatti beekamu; yookaan jechoota Oromoo jiran irratti hundeeffamuun kan moggaafamani. Faakkeenyaaf: mataduree (mataa + dura + -ee),magaalmataa (magaalaa + mataa), moggoyyaa (moggoo + -yyaa), ammayyaa (amma + -yyaa). Karaa kaan immoo fakkeenyaaf, jechi boongoo jedhamu durattuu Macca Bahaa keessatti, inni oddoo jedhamu naannoo Tuulamaa fi Macca Bahaatti, sheekkoo-n faa immoo Oromiyaa Bahaatti ni beekamu.

Ergan kana isin yaadachiisee, mee amma gara sagaleewwan jedhamaniitti dabreen isiniif tarreessa. Ilaamee, akka sagaleewwan kun heddummaatanii isin hin nuffisiifneef, kutaa tokka keessatti sagaleewwan 25 callaatu isinii kennamu. Haatahu malee, harra isaanuma kanaa olitti kaafaman keessaan, kanneen bakka cufatti hin beekamne dursee kenna. Dabaleesoo, maddi sagaleewwan kanaa, jechaan kanneen ani walitti qabe irraa kan hafan, gaafan kutaa kutaan dhiyeessetoo hunda isaa xumureen isiniif tarreessa. Hubachiisa miiljalee ("footnote") dhuma barreeffata kanaa irratti kennamanis mee ilaalaa!  


JECHOOTA MOGGOYYAALEE     

1) jirraa                  -            qotee ("bet, gamble")
2) taqee                  -            siree, weeluu
3) gumbii                -            togoogoo, seemma
4) shabalakee         -           baaqilaa
5) harfa                   -           bubbee, shuula
6) maddee               -           shiikkoo, xiqqoo/ xinnoo
7) koodee                 -          tiruu, haadhoo (nama garaa tokko keessaa baye)
8) hanshaaqa           -          hara ("lake")
9) kolluu                   -          gosa hantuutaa, ilaada ("mouse")
10) micee                  -          bashbasha, bacaqii ("abundant, plenty")
11) mittaa                 -          buusaa dhagnaa, hixinxima, mitika ("joint")
12) shuummoo         -          affeelloo, mulluu
13) tooree                 -          eeboo, bakara, shaanfoo, logaa
14) waafa                  -         bantii manaa, bantii, dikkoo ("roof")
15) takkaantakkee    -         nama shiikkoo, dala/ dila ("few people") 
16) oddoo                  -         dhayii, manduubee 
17) makoodii             -         bullaallaa, gugee, handarii, saphaliisa**
18) boongoo              -         holqa, ("cave") 
19) wasiila                -          abbeeraa, adeera
20) halkoo                 -           meeta/ meetii
21) totommoo           -          buunyaa, aboottee, dummuca
22) 
indootiyyaa        -          haboo, areeroo
23) harqoota            -           waanjoo, qambara/ qambarrii***
24) abbuyaa            -            eessuma****
25) waangoo           -            sardiidaa, jeedalloo/ jeedala


HUBACHIISA MIILJALEE


"Macca Boruu" jechuun Macca Bahaa jechuu dha. Kunis Macca isa Oromiyaa Waltajjii keessa, gara lixa-biiftuu jiraatu.

** Jechi "kurkuduu" jedhamu akka namoonni tokko tokko kaayanitti, hiikkoo "makoodii, bullaallaa, 
gugee, hadarii
 fi saphaliisa" miti. Hiikkoon "makoodii" faa Afaan Ingiliziitiin isa "dove" jedhamu yoo 
tahu, kan "kurkuduu" immoo isa "turtle dove" jedhamu.

*** Jechi "qambaraqambarrii" jedhamu, jecha Afaan Amaaraa yookaan kan afaanota warra Seemii irraa dhufee miti. Kun jecha afaanota warra Kuushii ti. Sagaleen "xaafii" jedhamus akkanuma kan 
warra Kuushii ti. Isaan kanaa fi kanneen biroo Afaan Amaaraa karaa Afaan Agawoo durii durii ergifate.

**** Sagaleen "eessuma" jedhamu kun loqoddaalee Afaan Oromoo hedduu keessatti "obboleessa abbaa
duwwaaf oola. Garuu, bakka tokko tokkotti obboleessa haadhatiifis dhimma ittiin-bawu. Wanni uummataan dubbatamu hundi sirrii dha. Garuu, erga uummanni Oromoo garri irra-caalu kana addaan baafatee, isa kana baldhinaa fi guddina afaan keenyatii jennee, gargar-baafnetoo kaawwachuun mishaa taha. Waan hundaafuu mee kunoo: a) obboleessa abbaa = wasiila, adeera, abbeeraa (garuu, oggaa waaman wasiilee! b)obboleessa haadhaa = eessuma, abbuyaa (oggaa waaman eessumee! c) obboleettii abbaa = adaadaa(oggaa waaman adaadee!) d) obboleettii haadhaa = indootiyyaa, areeroo, haboo (oggaa waaman indootoo!)   

                                                                   

Itti-fufa ---!

================    //    ================

 


Taammanaa Bitimaa gurree@web.de





Comments


No comments yet! Be the first:

Your Response



Most Viewed - All Categories